Waayit Haawus dhimma Iraanirratti 'filannoon marti minjaalarra jira' jedhe

Madda suuraa, Reuters
Waayit Haawus Sambata ibsa baaseen Prezidaant Doonaald Traamp Iraan ilaalchisee ''filannoo hunda minjaalarra jira'' jechuu gabaase.
Waayit Haawus kana kan jedhe erga gaazexaan Niiw Yoork Taayims Doonaald Tiraamp haleellaan waraanaa Ameerikaa akka dhaabbatu ajaja dabarseera jedhee booda.
Daarektarri komunikeeshinii Waayit Haawus Isteeveen Chung Fox News Digital’tti akka himanitti, “Pireezidant Tiraamp yeroo hunda furmaata dippilomaasii dursa akka kennu dubbateera.”
“Iraan garuu sochii shororkeessummaa ishee Ulaa Hormuuz keessatti ykn biyyoota michuu ta’an irratti yoo itti fufte filannoowwan jiran hunda hordofuu itti fufna” jedhe.
Chung erga qoqqobbii “dinagdee Iraan laamshessee” fi waraanni Ameerikaa halkan 13f bakka waraana Iraan irratti boombii darbatee booda, “waliigaltee mariitiin yoo dhufan gaarii ta’a. Ta’uu baannaan maal akka ta’u beektu” jechuun akeekkachiiseera.
Yaadni daayreektarri komunikeeshinii kun kan dhagaahame erga gaazexaan Niiw Yoork Taayims Doonaald Tiraamp duula waraanaa yeroof addaan kutuuf murteessuufi erga gorsitoonni isaanii walitti bu’iinsi kun hammaachuu akka danda’u yaaddoo qaban ibsaniin booda gabaasee booda.










