KALLATTIIN, Qabeenya Iraan uggurame fayyadamnee dooniiwwan Iraaniin haleelaman maallaqaan deeggarra- Tiraamp

Qabeenya Iraan uggurame fayyadamnee dooniiwwan Iraaniin haleelaman maallaqaan deeggarra jedhe Doonaald Tiraamp.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tiraamp Iraanii fi Huutii adabuuf doorsisan

    Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Tiraamp

    Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp, Iraan fi loltoota Huutii Yaman irratti "adabbii waraanaa cimaa" akka fudhatan akeekkachiise.

    ''Haleellaa Huutiin doonii daldalaa irratti raawwatu kamiifuu Iraan itti gaafatamtis'' jedhan Tiraamp.

    Huutiinis ta'ee Iraan dooniiwwan Galaana Diimaa fi ulaa Hormuzii keessa socho'an irratti haleellaa yoo itti fufan, Ameerikaan "adabbii waraanaa laalessaan'' akka adabdu dhaadatan.

    Ibsi Tiraamp kun erga Huutiin buufata doonii Saawudii irratti uggura galaanaa labsuu fi Galaana Diimaa keessatti dooniiwwan fe'umsaa boba'aa lama, Insiiliyaa fi Laylaa jedhamanitti misaa'elaa fi dirooniin haleeluu beeksiseen booda.

    Saawudiin Insiiliyaatti haleellaan doonii isheerra ga'uu mirkaneessiterti.

    Dhaabbanni Bulchiinsa Daldala Galaanaa Biriteen ammoo doonii hin beekamne tokko haleelamuun ibiddi itti qabachuu beeksise ture.

    Yeroo wal fakkaatutti, Waraanni Eegumsa Warraaqsa Islaamaa Iraan (IRGC) dooniiwwan boba'aa sadii ulaa Hormuz akka hin qaxxaamurre dhorkuu isaa ibse.

  2. Iraan ajajoota waraanaa fi misaa'eloota Huutiif erguu Rooyitersi gabaase

    -

    Madda suuraa, Reuters

    Rooyitarsi maddoota dhimma kana beekan wabeeffachuun akka gabaasetti, Iraan baatii kana keessa hidhattoota Huutii Yaman deeggaruuf ajajoota Waraana Eegumsa Warraaqsa Islaamaa (IRGC), gorsitoota waraanaa, misaa'eloota fi diroonii gara Yaman ergeera.

    Maddoonni kunneen akka jedhanitti, deeggarsi kun Huutiin doonii daldalaa Galaana Diimaa fi naannoo Baab al-Mandaab keessa socho'an irratti dhiibbaa akka cimsuuf kan kaayyeffate.

    Rooyitarsi akka gabaasetti, namoonni 10 hanga 21 ta'an IRGC keessaa ergamuu fi isaan keessaas ajajoonni olaanoon akka jiran himameera.

    Isaanis sirna misa'lootaa haaraa irratti leenjii kennuu fi hojii waraanaa Huutii deeggaruuf gara Yaman imaluu isaanii maddoonni ibsaniiru.

    Haa ta'a malee Huutiin fi mootummaa Iraan himata kana haalaniiru.

    Iraanis yeroo hedduu Huutii Yaman misa'eloot fi meeshaa waraanaa biroon ijaaruuf deeggarsa tokkollee akka hin goone irra deddeebitee haaltee turte

    Garuu mootummaa Yaman kan Saawudiin deeggaramu bakka bu'uun Ministirri Odeeffannoo Muammar al-Iryani, ajajoonni IRGC fi meeshaaleen waraanaa gara Yaman dhufuu isaanii mirkaneessan.

    Kaayyoon isaanii humna waraanaa Huutii cimsuu fi nageenya geejjibaa Galaana Diimaa fi Baab al-Mandaab irratti balaa uumuuf jedhu jechuun himatan.

    BBC'n gabaasa Rooyitarsii kana of isaaf ammatti hin markaneeffannee

  3. Biyyoonni Arabaa fi Islaamaa Saddeet qubannaa Masjiida Al-Aqsaa balaaleffatan

    Biyyoonni Arabaa fi Musliimaa Saddeet  qubanaa Masjiida Al-Aqsaa balaaleffatan

    Madda suuraa, EPA

    Ibsa waa'ee suuraa, Biyyoonni Saddeet qubannaa Masjiida Al-Aqsaa balaaleffatan

    Ministiroonni Dhimma Alaa biyyoota Masrii, Indoneezhiyaa, Joordaan, Paakistaan, Qaaxar, Sa'uudi Arabiyaa, Turkii fi UAE ibsa waliinii baasaniin, jiraattonni Israa’el dhibbaan lakkaa’amani fi qondaaltootni tokko tokko mooraa Masjiida Al-Aqsaa qubachuu isaanii cimsanii balaaleffataniiru.

    Ibsi Kamisa galgala ba’e kun, tarkaanfiin kun sadarkaa seenaa fi seeraa Masjiida Al-Aqsaa ifatti kan cabsuu ta’uu isaa, akkasumas carraa nageenya waaraa fi furmaata biyyoota lamaanii kan gufachiisu jedhan.

    Qubannaan kun dirqamaan eegumsa poolisii Israa'el jalatti raawwatame. Kun ammoo jibbaa fi fincilaa akka hammeessu ibsichi kan eere.

    Biyyoonni kunneen,

    • Iddoowwan qulqulluu Islaamummaas ta'ee Kiristaanummaa magaalaa Yerusaalem keessa jiran eeguuf itti gaafatamummaa Joordaan qabdu akka kabajamu.
    • Haala quubsumaa fi seeraa Masjiida Al-Aqsaa jijjiiruuf yaaliin godhamu kamuu akka ittifamu
    • Tarkaanfiiwwan nageenyaa fi tasgabbii naannichaa balaadhaaf saaxiluu danda’an akka dhaabbatu Akkasumas,
    • Seera idil-addunyaa fi murtii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii magaalaa Yerusaalem ilaalchisee kenname akka kabajamu gaafatan

    Akka qondaaltonni Filisxeem jedhanitti, poolisiin Israa'el yeroo weerarichaa hirmaattota Falasxiin hedduu gara masjiidichaa akka hin seenne dhorkuun, namoota muraasa irraniis miidhaa ga'eera.

    Ibsi kun kan ba’e erga Ministirri Nageenya Biyyaalessaa Israa’el Itamar Ben Gvir fiItamar lammiilee Israa’el dhibbaan lakkaa’aman geggeessee mooraa Masjiida Al-Aqsaatti qubachiisee booda yoo ta’u, tarkaanfiin kun Falasxiinota, Joordaan fi biyyoota Arabaa fi Islaamaa heddu mufachiisera.

    Biyyoonni kunneen ibsa isaani keessatti hawaasni addunyaa Israa'el sarbama seeraa fi tarkaanfii iddoo qulqulluu irratti raawwattuu akka dhaabduuf dhiibbaa cimaa akka godhan waamicha dhiyeessaniiru.

    Masjiida Al-Aqsaan Yeerusalem bahaa keessatti argama. Muslimootaaf makka fi Madiinatti aanee akka iddoo qulqulluu sadaffaatti ilaalama.Nanaawa sana Israa'el bara 1967 irraa eegalee to'attus, hawaasni addunyaa baay'een akka lafa Filisxeemitti,bulchiinsi masjiidichaa ammoo dureewwan Amantaa Joordaaniin geggeeffama

  4. Ameerikaan qabeenya Iraan uggurteen dooniiwwan miidhaman deeggaruuf murteessite

    Tiraamp

    Madda suuraa, AFP

    Ameerikaan Qabeenya Iraan uggurame fayyadamtee dooniiwwan Iraaniin haleelaman maallaqaan deeggaruuf murteessu Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampi himan

    US walitti aansuun halkan13f Iraan irratti haleellaa waraanaa raawwatteerti.

    Akka gabaasa miidiyaa mootummaa Iraanitti, haleellaa kanaan namoonni afur ajjeefamanii, shan madaa'aniiru.

    Tiraamp, qabeenya mootummaa Iraan kan Ameerikaan uggurteen, miidhaa dooniiwwan daldalaa irra qaqqabe kaffaluuf akka jedhan beeksisaniiru. Qabeenyi kun baay'ee guddaa ta'uu danda'as jedhan.

    Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araaqchii murtee kana balaaleffachuun, qabeenya mootummaa tokkoo saamuu fi fayyadamuun fakkeenya balaa uumuti jedhan.

    Humni waraanaa Ameerikaa hanaga dandeettiin Iraan dooniwwaan ulaa Hormuuz qaxxamuran sodaachisuu dadhabutti, buufata waraanaa kuusaa diroonotaa fi sirna to'annoo qarqarahaleeluu akka itti fufu beeksise.

    Yeroo wal fakkaatutti, hidhattoonni Huutii Yaman dooniiwwan boba'aa Sa'uudi Arabiyaa lama Galaana Diimaa keessatti haleeluu isaanii dhaga'ameera.

    Kun yaaddoo nageenya geejjiba galaanaa dabaluun gatiin boba'aa addunyaa haalaan akka dabalu taasiseera.