Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, US kuufamni meeshaashee haphannaan dhukaasuu dhaabde jedhame

Gaazexaan Niiw Yoork Taayims garuu akka gabaasetti, US kuufamni meeshaa waraanaa ishee hir’achaa waan dhufeef Iraanitti boombii dhukaasuu dhaabde.

Guduunfaa

Abiddi saafaa Faransaayifi Ispeenitti dhaabbachuu didee namoota 220,000 ol buqqise

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Waayit Haawus dhimma Iraanirratti 'filannoon marti minjaalarra jira' jedhe

    Waayit Haawus Sambata ibsa baaseen Prezidaant Doonaald Traamp Iraan ilaalchisee ''filannoo hunda minjaalarra jira'' jechuu gabaase.

    Waayit Haawus kana kan jedhe erga gaazexaan Niiw Yoork Taayims Doonaald Tiraamp haleellaan waraanaa Ameerikaa akka dhaabbatu ajaja dabarseera jedhee booda.

    Daarektarri komunikeeshinii Waayit Haawus Isteeveen Chung Fox News Digital’tti akka himanitti, “Pireezidant Tiraamp yeroo hunda furmaata dippilomaasii dursa akka kennu dubbateera.”

    “Iraan garuu sochii shororkeessummaa ishee Ulaa Hormuuz keessatti ykn biyyoota michuu ta’an irratti yoo itti fufte filannoowwan jiran hunda hordofuu itti fufna” jedhe.

    Chung erga qoqqobbii “dinagdee Iraan laamshessee” fi waraanni Ameerikaa halkan 13f bakka waraana Iraan irratti boombii darbatee booda, “waliigaltee mariitiin yoo dhufan gaarii ta’a. Ta’uu baannaan maal akka ta’u beektu” jechuun akeekkachiiseera.

    Yaadni daayreektarri komunikeeshinii kun kan dhagaahame erga gaazexaan Niiw Yoork Taayims Doonaald Tiraamp duula waraanaa yeroof addaan kutuuf murteessuufi erga gorsitoonni isaanii walitti bu’iinsi kun hammaachuu akka danda’u yaaddoo qaban ibsaniin booda gabaasee booda.

  2. US Iraaniin haleeluu kan dhaabde kuusaa meesha waraanaashee waan haphateef jedhame

    Ameerikaa fi Iraan gara waraanaatti erga seenanii gara ji'a shanii booda Tehran halkan darbe haleellaan misaayelaa tokkollee osoo irratti hin raawwatiin bulte.

    Gaazexaan Niiw Yoork Taayims garuu akka gabaasetti, US kuufamni meeshaa waraanaa ishee hir’achaa waan dhufeef boombii kana dhaabde.

    Torban lama walitti aansuun Ameerikaan halkan halkan haleellaa erga raawwatte booda, biyyoonni kunneen gara mariitti akka deebi’an abdiin jiru deebi’ee dagaageera.

    Haa ta’u malee, haleellaan xiyyaaraa yeroof dhaabbachuun isaa kuusaan meeshaa waraanaa tokko tokko gadi bu’aa jiraachuu agarsiisuu akka danda’u miidiyaaleen Ameerikaa gabaasan.

    Dhimmoota tattaaffii dippilomaasii waliigaltee Waashingitan fi Tehran gidduuu gufachiisan keessaa tokko dhukaasa dhukaasa Ulaa Hormuuz keessatti raawwatuudha.

    Garuu waraanni kun daangaa darbee biyyoota naannicha keessatti michuu Ameerikaa ta’anitti babal’ateera.

    Miidiyaaleen Ameerikaa akka gabaasanitti, Tiraamp Jimaata darbe duula waraanni Ameerikaa Iraan irratti geggeessaa ture ''yeroodhaaf akka dhaabbate'' dubbataniiru.

    Gaazexaan Niwu Yoork Taayims qondaaltota dhimmicha beekan lama wabeeffachuun akka gabaasetti, dhiyeessiin meeshaa waraanaa hir’achaa dhufuun duulli kun hammaaatee akka itti hin fufne sababa ta'eera.

    Waraanichi Baha Giddugaleessaa keessatti akka malee babal'ataa sodaan jedhus sbaaba biraadha.

    Itti aanaan pirezidaantii J.D. Vaansii fi jeneraal olaanaa Ameerikaa Daan Kaayiin walgahii Jimaata darbe Waayit Haawusitti taasisaniin balaa waraanni kun biyyoota birootti babal’achuu danda’u irratti mari’achuu isaaniis CNN gabaaseera.

    Akka CNN gabaasetti, Kaayin loltoonni ajaja isaanii sirnaan akka raawwatan Tiraampiin mirkaneessaniiru, garuu balaan jiraachuu akka danda’u akeekkachiisaniiru.

    Tiraamp Jimaata darbe duula guutuu gaggeessuuf akka hin murtoofne dubbateera.

  3. Dameen Manufaakcharii Itoophiyaa seenaasaa keessatti galii olaanaa galche

    ALI bara 2018 keessa abbootiin qabeenyaa 166 ta'an kan kaappitaalaa birrii miliyoona 170 ol galmeessan gara damee Manufaakcheriingii makamuu miidiyaan biyyaalessaa gabaase.

    Kanneen keessaadhibbeentaa 84 kan ta'an abbootii qabenyaa biyya keessa ta'uun abdii kan horuudha jedheera.

    Paarkiiwwan Indaastirii kutaalee biyyattii keessa jiran keessa lammiileen kuma 100 ta'an carraa hojii argatanii akka jiranillee ibse.

    Warshaalee fi qonnaan bultoota naannoo warshaaleen kun jiranitti dhiyoo jiran gidduu hariiroo daldalaa uumameen daldalli birrii biliyoona 17 ta'u gaggeefamuun gabaafame.

    Dameen Manufaakcheriingii Itoophiyaa bara 2018 keessa omishaalee gara biyyoota alaatti ergerraa sharafa alaa doolaara miliyoona 266.9 argataniiru.

    Omishaalee alaa galu turan biyyatti omishuunis biliyoona 26.7 silaa bahuu male oolchaniiru jedha gabaasni EBC.

  4. Waa’ee haleellaa Jarmanitti konkolaataadhaan dhaqabee maal beekna?

    • Paarkii Tiirgarten jedhamutti namoonni jaalattoota saal wal fakkaataa tahan walitti qabamanii sagantaa ‘Berlin Pride’ jedhu irra turan.

    • Konkolaataa adii tokko walitti qabama namoota kanneeniitti oofuun namni tokko du’uun 16 madaa’an.

    • Konkolaatittiin achumatti mukatti danqamuun hafte. Warri konkolaachisaa turan yeroof miliqaniiru.

    • Poolisiin nama balaa kana dhaqabsiise adamsaa jira. Namoonni ijaan argan suuraa fi viiidyoo waraaban akka erganiif gaafateera.

    • Namni balicha dhaqabsiise nama amantaa Islaamaa hordofu akka tahe namoonni himaniiru.

    • Chaansilarri Jarman Firedirik Meerz ‘’haleellaa hawwaasa keenya bilisaa fi ilaalcha gaari qaban irratti raawatedha’’ jedhe.

    • Shakkamaan kun Abdul B kan jedhamuu fi umuriin isaa waggaa 21 tahuu poolisiin ibseera.

  5. Jooshiwaan yeroo lama kufee ka'ee dorgommii bunyaa injifate

    Taphataan bunyaa lammii UK Antonii Jooshwaa biyya dhalootsaa Naayijeeriyaattii balaan konkolaataa isa mudataee hiriyyootasaa galaafate jalaa erga oolee yeroo duraaf morkii bunyaatti dhiyaate.

    Morkii bunyaa ulfaatin guddaa Kiristiyaan Pireengaa waliin Saawdi Arabiyaa Jiddaatti godhame irratti Jooshwaan morkiin eegalee sekoondii 20ffaarratti rukutamee kufee ture.

    Morkii marsaa jalqabaarraatti rukuttaawwan jajjabaa irra gahe lamarraa kan ka'e kufu Jooshiwaan danda'matee ka'ee morkataasaa kana marsaa lammataarratti injifateera.

    Jooshiwaan maqaa hiriyyootasaa lamaanii balaa konkolaataan isa biraa du'anii Gaamiifi Ayoodeelee lapheesaarraatti barreeffatee gara dirree lolaa seene.

    Injifannoon argate yaadannoo isaanii akka ta'es hime.

  6. “Puutin fi Shiin meeshaa waraanaa akka Iraanitti hin gurgurre waadaa galaniiru”- Tiraamp

    Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp, Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadimiir Puutin fi Pirezidaantiin Chaayinaa Shii Jinpiing meeshaa waraanaa Iraanitti akka hin gurgurre waadaa akka isaaf galan dubbatan.

    Tiraamp toora miidiyaa hawaasaa Isaanii Tiruuth irratti akka maxxansanitti, yeroo dhihoo Shii Jinpiing waliin Beejiingitti mari'ataniin, "haala kamiinuu meeshaa waraanaa Iraanii hin kenninu, hin gurgurrus" jechuun Shiin akka isaanitti hime ibsan.

    Tiraamp akka jedhanitti, waadaan kun mootummaa Chaayinaa qofa osoo hin taane dhaabbilee oomisha meeshaa waraanaa Chaayinaa hunda kan dabalatu dha.

    Akkasumas, Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadimiir Puutinis waadaa walfakkaataa akka isaaniif galan dubbatan.

    Tiraamp, ''meeshaa waraanaa Yukireenitti osoo hin taane, biyyoota NATO tti qofa akkan gurgurru Putin ni hubata.'' jedhan.Isaan gatii meeshaa guutummaatti ni kaffalu. Meeshaa waraanaa kanaan maal akka godhan garuu hin beeku,” jedhan.

    Kanaaf biyyoonni Iraan waliin walqabatee maqaan isaanii yeroo baay’ee kaafamu kunneen waraana kana duubaa “harka akka qaban jedheen amanan” jedhan.

    Itti dabaluudhaanis, “Harka keessa yoo qabaatanillee isaan miidha malee hin fayyadu” jechuun akeekkachiisan

    Dubbiin isaanii kun yeroo Ameerikaan haleellaa waraanaa Iraan irratti cimsaa jirtu fi mootummaa Tiraamp, Raashiyaa fi Chaayinaan Iraan deeggaruu irraa akka of qusatan waamicha dhiyeessaa jirutti dhaga'ame

    Haa ta'u malee, hanga ammaatti Chaayinaa fi Raashiyaan, Tiraampiif waadaa akkasii galuu isaanii ilaalchisee ifatti yaada hin kennine.

  7. Jilli Omaan rakkoo Ulaa Hormuz irratti mari'achuuf Iraan seene

    Jilli mootummaa Omaan irraa gara magaalaa guddoo Iraan, Tehraan, imaluun nageenya geejjiba galaanaa Ulaa Hormuzii irratti mari'achuu jalqaban.

    Miidiyaan mootummaa Iraan IRNA akka gabaasetti, kaayyoon marii kanaa dooniiwwan karaa ulaa Hormuzii keessa darban akkamitti nageenyaan akka socho'an irratti waliigaltee hojii qopheessuudha.

    Gama biraatiin, Ministeerri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araaqchii fi Ministeerri Dhimma Alaa Omaan Badr al-Busaidii Jimaata galgala bilbilaan mari'ataniiru.

    Haa ta'uu malee dhimmaa akkamii irratti akka mari'atan bal'inaan ibsi mootummaa biyyoota lamaanii irraa kenname hin jiru.

    Marii kun yeroo waraanni Ameerikaa fi Iraan itti fufee jiru, akkasumas tattaaffiin marii dipilomaasii biyyootni lammanuu daabi'anii marii akka jalqaban taasifamaa jirutti.

    Torbanoota darban keessa walitti bu'iinsi Ameerikaa fi Iraan cimee, Ameerikaan haleellaa waraanaa Iraan irratti raawwatte. Iraanis deebii waraanaa kennite. Kana malees, gareen loltoota Huutiin Iraanin deeggaramu jedhaman Galaana Diimaa keessatti dooniiwwan irratti haleellaa raawwachuun geejjiba galaanaa irratti sodaa cimaa fideera.

    Haala kana keessatti Omaan, yeroo dheeraaf Ameerikaa fi Iraan gidduutti araaraa fi marii qindeessuun kan beekamtu ta'uun, yeroo ammaa kana illee nageenya ulaa Hormuzii eegsisuu fi walitti bu'iinsa babal'achaa jiru tasgabbeessuuf gahee dipilomaasii ishee cimsaa jirti.

  8. Rasaasi heddu kan bara kolonii ta'uu hin oolu jedhame Moyaaletti argame

    Rasaasi kan bara kolonii ta'uu hin oolu jedhame Moyaalee gama Keeniyaatti agamuu poolisiin beeksise.

    Rasaasi argame kun lakkoofsa 40,060 yoo ta'u, ijaarsa mana baruumsaf osoo hojjattoonni lafa qotaa jiranuu arguu isaanii miidiyaan Keeniyaa Citizen poolisii waabeffachuun gabaase.

    Komaandarri poolisii Kaawuntii Marsabeet Liyoonaard Kimaayiyoo akka jedhanitti, rasaasi kun loltoota bara kolonii turaniin achitti gatamuu akka hin oolledha.

    Rasaasi kun argamuu hojjattoonni ijaarsaa erga gabaasanii booda, humnoonni nageenyaa mootummaa bakkichatti argamuun rasaasa achii fuudhun gara bakka qorannoon gaggeeffamuutti geessus beeksise poolisiin.

    Hawaasi meeshaalee waraanaa wal-fakkaatanifi yaaddoo uuman yoo argan bifuma kanaan akka poolisiif gabaasa godhan dhaamuun, akkaataa itti rasaasni lakkoofsan heddu ta'e kun bakkichatti gatame qorannoon gaggeeffamaa jiraachuus ibse.

    The police commander assured residents that the situation is under control and that the discovery poses no threat to the public.

    He urged members of the public to report any firearms, ammunition, or other suspected military equipment they come across to security agencies, rather than touching or attempting to remove the items themselves.

    Investigations are ongoing to establish the full history of the ammunition and determine how it remained at the site for all those years.

  9. Abbaan Alangaa Mana Murtii Yakka Idiladdunyaa qondaalota Israa'el fi Puutin irratti ajaja hidhaa baase haleellaa saalan himatamee aangorraa kaafame

    Abbaan Alanagaa Mana Murtii Yakka Idiladdunyaa (ICC) fi yakka waraanaa Gaazatti raawwatame qorataa ture Kariim Kaan himannaa halellaa saalaa gaggeesse jedhamee irratti dhiyaateen hojiirraa kaafame.

    Kaariim Kaan Ministiira Muummee Israa'el Beeniyaamiin Netaaniyaahuufi Minstiira ittisaa duraanii Israa'el Yaa'ov Gaalant himannaa yakka waraanafi yakka namoomaa irratti dhiyaaten akka to'atamaniif ajaja hidhaa irratti baasee ture.

    Raashiyaan waraana Yukireen irratti banteen ajjeechaa namoota nagaa Yukireen keessatti raawwatameefi ijoollee Ykireen Raashiyaatti fudhatamaniif, pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin yakka waraanaa raawwataniiru jechuun ajaja hidhaa kan irratti baase abbaa alangaa kana.

    Bara 2021 Abbaa Alangaa sadaffaa Mana Murtii Yakka Idiladdunyaa sadaffaa ta'uun muudamee ture.

    Himannaa haleellaa saalaa raawwachuu irratti dhiyaaten, ji'a darberraa kaasee uggura jala kan ture Kaariim, amma hojiirraa kaafameera.

    Qaamni to'ataa Mana Murtii Yakka Idiladdunyaa himanni Kaariim Kaan irratti dhiyeesse, hojjattuu haaraa mana murtichaa waliin haariiroo saal-qunnamtii hin malle keessa seene kan jedhuudha.

    Gama biraan ammoo miidhamtuun sun haleellaan saalaa irratti raawwachuu himattullee, iyyannishee akka hin dhagahmen gochuuf yaaludhaanis himatamee ture.

  10. Balaa abidda saafaa Faransaayifi Ispeenitti mudateen namoonni 220,000 ol buqqa'an

    Faransaayifi Ispeenitti balaa abidda saafaa babal'ataa deemeen walumaa galatti namoonni 220,000 ol qe'eerraa buqqa'an.

    Pirezidaantiin Faransaayi Imaanu'eel Maakroon hojii ittisa balaa akka gargaaraniif humni waraanaa biyyattii akka bobba'uuf ajajaniiru.

    Gama biraan Ispeen naannoo magaalaa Maadiriiditti abiddi ka'e ammoo dhaamsuuf "humna hojjatoota balaa abiddaa ol" ta'uu qondaalonni akeekkachiisan.

    Mootummaan Ispeen balaan abiddaa kun yaaddoo biyyaalessaa ta'uu labseera. Namoonni 25,000 akka buqqa'an yoo godhu, 40,000 kan ta'an akka manaa hin baane jedhamaniiru.

    Pirezidaantiin bulchiinsa naannoo Maadriid Diyaaz Ayuusoo balaa abiddaa kana, "seenaa naannichaa keessatti balaa abiddaa hamaa mudatee hin beeknedha" jedhan.

    Ispeenis abidda saafaa babal'ataa jiru kana dhaamsuu akka gargaaraniif humna waraanaa hamma tokko bobbaastee jirti.

    Gamtaan Awurooppaa gamasaan hojjattoota balaa abiddaa Ispeenifi Faransaayi gargaaruuf xayyaarotaafi helikoptaroota bobbaasee jira.

  11. Ashamaa!

    Tamsaasi kallattii keenya har'aa eegaleera!

    Odeessawwan biyya keessafi idiladdunyaa jala buunee isiniif dhiyeessina.

    Dhiyaadhaa!