Tiraamp buufata Niwukilaraa lafa jalaa Iraan haleeluuf dhaadatan

Madda suuraa, Reuters
Waraanni Ameerikaa fi Iraan gidduutti adeemsifamaa jiru guyyaa 11ffa seeneera.
Ameerikaan Kibxata galgala galgala yeroo 11ffaaf walitti aansuun Iraan irratti haleellaa kan raawwatte yoo ta’u, Teehiraan Ameerikaan dhaabbilee niwukilaraa ishee irratti xiyyeeffachuu akka hin qabne akeekkachiifteetti.
Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp mootummaa Iraan keessatti Naataanzitti kan argamu buufata niwukilaraa lafa jalaatti ijaarame irratti tarkaanfii waraanaa fudhachuu akka danda'an dhaadatan
Akeekkachiisa kana booda mootummaa Iraan, Ameerikaan yoo buufata kana rukutte deebii cimaa akka kennitu beeksifte.
Ajajni Waraana Giddugaleessaa Ameerikaa (CENTCOM) akka jedhetti, duulli waraanaa Iraan irratti gaggeeffamaa jiru dandeettii Iraan Ulaa Hormuuz keessatti doonii daldalaa sodaachisuu fi miidhuu dadhabsiisuuf kan kaayyeffatedha.
Miidiyaan mootummaa Iraan akka gabaasetti, sirnoonni ittisa qilleensaa Teehiraan keessatti hojii jalqabaniiru.
Miidiyaaleen mootummaa Iraan akka gabaasanitti,sirni ittisa qilleensaa magaalaa guddoo Tehran keessatti hojiirra oolera. Dhohinsi Tabriz, Chabahar, Konarak, fi Bushehr naannawa warshaan niwukilaraa Iraan lafa jalaa itti argamuutti gabaafameera.
Ameerikaa fi michoota ishee Baha Giddu Galeessaa irratti haaloo baahaa kan jirtu Iraan, Doonaald Tiraamp Ameerikaan yeroo dhiyootti bakka niwukilaraa lafa jalaa naannoo Naataanz rukutti erga jedhanii booda haaloo bahuuf akeekkachiifteetti.
Biyyoonni lamaan yeroo muraasaaf waliigaltee waraanaa dhaabuu irratti walii galanii turan. Haa ta'u malee, wal-dhabdeen Galaana Hormuuz waliin walqabatee yeroo ammaa irra deebiin gara wal waraanuutti ce'aniiru.
CENTCOM akka himetti,Iraan ji'oota sadan darban keessa ''doonii daldalaa 30 ol irratti haleellaa raawwachuu himate
Kanaafis Ajajni waraanaa Ameerikaa, buufatawwan waraanaa Iraan, humna galaanaa, humna qilleensaa fi bu'uuraalee waraanaa biroo hedduu irratti haleellaan raawwachii isaa ibseera.
