Galaana Diimaarratti haleellaan Huutii hammaannaan sochiin dooniiwwan daldalaa hir'achuu eegale

Madda suuraa, Reuters
Hidhattoonni Huutii Yaman dooniiwwan boba'aa Sa'uudii Arabiyaarratti haleellaa raawwachuu booda Ulaa Baab el-Mandab irratti sochiin dooniiwwan boba'aa hir'ataa jiraachuu Rooyitarsi gabaase.
Rooyitarsi madda Kpler jedhamu wabeeffachuun akka gabaasetti dooniiwwan boba'aa Dilbata karaa Baab el-Mandab darban 11 hin caalan.
Ji'oota afran darban waliin birqabaan yoo ilaalamu baayyee xiqqaadha.
Dooniiwwan kara ulaa kanaa darban jedhaman 11 keessaa torba boba'aa kan fe'an yoo ta'u, kanneen keessaa sadi Galaana Diimaa seenuu Rooyitarsi gabaaseera.
Alergiin Sa'uudii Arabiyaa akka gufatu kan barbaadan gareen Huutii, torban darbe keessa uggura galaanarraa labsanii turan.
Itti fufuunis dooniiwwan Sa'uudii uggura kana darbaniiru jedhan lama rukutaniiru.
Haleellaan Huutii kun sochii Galaana Diimaa akkaan gufachiisuu eegaleera.
Sababa waraana US fi Iraan wayita Ulaan Hormuuz cufamu, karaa Baha Giddugaleessaa itti seenanii fi bahan Galaana Diimaa qofa ture.
Amma ulaan kunis cufamnaan Baha Giddugaleessaan ulaan hundi cufamuusaati.











