Faabiyaan Ruyizii fi Gaavii Ispeen waliin waancaa waan mo'ataniif kennaa timaatimaa argatan

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Ispeen Waancaa Addunyaa mo'attee erga galtee taphattoonni kennaa adda addaa argachaa jiru. Akka mootummaattis biyyoonni taphattoota isaanii injifannoon galaniif kennaa qopheessaan jiru.

Kennaan tokko tokko ollaa fi ganda dhalootaa irraa argatan garuu nama raaja.

Faabiyaan Ruyizii fi Gaaviin Waancaa Addunyaa Ameerikaatti xumurame erga mo'atanii yeroo magaala dhaloota isaaniitti deebi'an kennaa isaan hin eegnetu isaan eege.

Lamaan isaaniiyyuu magaalaa xiqqoo Los Palasiyoos Ya Viilaafiraankaa jedhamu keessatti dhalatanii guddatan.

Magaalli kun bulchiinsa Siiviyaa jala taatee uummata 35,000 qofa qabdi. Galma magaalittii keessatti simannaan Gaavii fi Faabiyaan Ruyiziif godhameera.

Taphataan PSG Faabiyaan Ruuyiz tapha xumuraa Arjeentiinaa waliin taphatan irratti jalqabarra hiriiree taphate. Gaaviin taa'umsa jijjiirraa irra ture.

Lameen isaaniiyyuu meedaaliyaa isaanii diratanii yoo deeman jiraattonni magaalittii bahuun isaan simataniiru.

Gumaacha isaan garee biyyaalessaa Ispeeniif taasisaniif jecha akka galataa fi kennaatti timaatimii baay'eetu isaaniif qophaa'e.

Faabiyaan Ruuyiziif timaatima Kg 85 akkasumas Gaaviif ammoo Kg 68.5 tahutu kenname.

Akka aadaa waliin jireenya hawwaasa magaalichaatti kun haalatti nama jabaa biyyaaf bu'aa buuse ittiin galateeffatanii fi beekkamtii kennanidha.

Kun yeroo jalqabaaf waan magaalicha keessatti raawwate miti. Bara 2024 yeroo Ispeen Waancaa Awurooppaa mo'atte akka kennaatti timaatimni taphataa duraanii Maanchister Siitii Jiisas Naavaasii fi Faabiyaan Ruyiziif kennameera.

Galmi ispoortii magaalichaa maqaa Jiisas Naavaasiin moggaafameera. Dirreen kubbaa miilaa magaalicha keessa jiran ammoo Gaavii fi Ruyiziin moggaafamuuf jedha.

Manni maree magaalichaa galmi guddaan magaa sadan isaaniin waamamu akka ijaaramus ibseera.

Taphattoonni kunneen dhalattoota lafaa dhufanii fi dargaggoota amma jiraniif fakkeenyummaa guddaa kan qaban tahuus ibsameera.

Kanaaf taphattoonni maqaa magaalichaa waamsisanii fi sadarkaa idil-addunyaatti gahumsa guddaa agarsiisan naannichaa akka bahuuf gargaara jedhe bulchiinsi magaalichaa.

Ispeen galchii Feeraan Toores lakkoofsiseen 1-0 Arjeentiinaa mo'achuun shaampiyoonaa taate.