'Yakka maal raawwatan?': Ijoollee Iraan 120 'haleellaa UStiin' mana baruumsaa keessatti ajjeefaman

Suuraa Setaayesh siidaa awwaalchaa irratti maxxanfamee jiru

Madda suuraa, JACK GARLAND / BBC

Ibsa waa'ee suuraa, Setaayesh barattuu ganna sagalii turte, gara fuulduraa barsiistuu ta'uu akka barbaaddu himti haatishee
    • Barreessaa, Nawal Al-Maghafi
    • Gahee, Senior international investigations correspondent
    • Gabaasni irraati, Minab, southern Iran
  • Maxxanfame
  • Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Akeekkachiisa! Gabaasi kun waa'ee ajjeechaa daa'immanii qabiyyee nama jeequ of keessaa qaba.

Amiinaa Nadeemii jijjiga mana baruumsaa haleellaa UStiin barattoonni 120 itti ajjeefaman keessa yaadan baddee dhaabatti. Barsiistuun ganna 33 kun mana baruumsaa sana keessaa bakka barattoonni dhiiraafi dubaraa itti baratan, iddoo itti sagadaniifi dareewwan barnootaa hunda sammuu keessaa qabdi.

Daree isheen keessa barsiisaa turte keessa amma jijjigaafi caccaba gamoo malee waanti dhaabbatu hin jiru.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Teesson caccabeefi dareen barattootaa faayame ammayyuu caccaba keessaa ni mul'ata

Guraandhala 28, Israa'elifi US wal-ta'uun waraana Iraanirratti gaafa banan, haleellaan guyyaa sana ganama mana baruumsaa irratti US gaggeessite Iraan keessatti guddaa guddaa uume; USfi hawaasa idiladdunyaa birattillee dheekkamsa guddaa uume.

Waraanicharratti guyyaa tokkotti lakkoofsi namoota nagaa guddaan kan itti ajjeefame ta'ee galmaa'e.

Haleellaa US mana baruumsaa irratti raawwaattee turteen namoota 156 keessaa 120 ajjeefamaman; dubartiin ulfaas kanneen ajjeefaman keessayi.

Ekispartoonni akka jedhanitti US mana baruumsaa kaampii Humnoota Eegumsa Warraaqsaa Islaamaa cinaa jiru irratti haleellaa akka gaggeessiteedha.

US mana baruumsaa Iraan irratti haleellaa gaggeessuu ifatti hin amanne. Miidiyaalen US garuu qondaalonni waraanaa US osoo itti hin yaadin mana baruumsichaa haleeluu akka manan gabaasu.

Barsiistuu mana baruumsaa barattoonni Iraan haleellaa UStiin keessatti ajjeefaman bira dhaabbattee jirtu.

BBCn mana baruumsaa haleellaa irratti gaggeeffameen namoonni 120 keessatti ajjeefaman daawwateera. Namoonni waan mudate gaafa himan aarii guddaan dubbatu. Barsiisonni bakkichatti ammayyuu guyyaa guyyaan sagada akka gaggeessan BBCtti himan. Hojjattoonni yeroo balaa ammayyuu namoota du'an jijjiga gamoo jalaa reeffa namoota hin argaminii barbaacha itti fufaniiru.

'Hundi keenya qilleensumarra darbatamne'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gaafa Guraandhala 28, Sambata ganama, manni baruumsichaa baruufi barsiisuu akkuma yeroo kaanii eegaluu himti barsiistuu mana baruumsichaa kan taate Amiinaan.

Yeroonsaa waktii sooma Ramadaanaa waan tureef, barattoonni hundi Quraana barachuuf galma keessatti walitti qabamanii akka turanis yaadatti. Amiinaan barattoota kutaa 1ffaa barsiifti.

Yeroo guutummaa Iraan irratti haleellaan eegalu dursaan mana baruumsichaa manni baruumsaa akka cufamu dhaamsa dabarsuu hordofee barsiisonni maatiin dhufanii barattoota akka fuudhaniif maatii qunnamuu akka eegalan yaadatti Amiinaan.

Osoo haleellaan hin gaggeeffamin dura ijoollee kutaa 1ffaa 15 Amiinaan barsiistu keessaa shan qofatu daree keessatti hafe. Osoo hin turin naannoo mana baruumsatti sagaleen dhohiinsaa yeroo dhagahamu kooridara irra akka turte kan himtu Amiinaan, fiigdee dareetti deebi'uu himtu.

"Akkuman dareetti deebi'een misaa'elli mana baruumsaa haleele. Waanti ta'e mataa koofi ijoollee dhahee qilleensarra ol nu kaase," jechuun aarri gurraachi akka daree guute yaadatti.

"Ijoolleen qabadhee turellee arguu hin dandeenye. Hundi keenyaa hafuura baafachuu hin dandeenye.

Osoo hin turin dhohiinsi kan biraa gaggeeffamuun sagalee iyyaafi boo'icha dhagahamaa ture, boodarra manni baruumsichaa mataansaatuu jiguu himti.

"Dhiigni anaafi ijoolleerraa dhangala'aa ture," jetti.

Jijjiga gamoo mana baruumsaa erga haleellaan irratti raawwatamee booda

Madda suuraa, JACK GARLAND / BBC

Ibsa waa'ee suuraa, Barattoonni dubaraa mana baruumsa sadarkaa tokkoffaa gamoo gubbaatti yoo baratan, dhiironni ammoo gajjallaatti osoo baratanuu haleellan irratti gaggeeffame

Aarri daree guute gadi galee ijoollee of harkaa qabdu namoota gajjallaa jiranitti kennuu jalqabde. Maatiin barattootaa dhufanii achi guutanii jiru. Naasuufi miidhama keessa waan turteef akkumasheefi ijoollee dareeshee keessa turanii hunduu waan lubbuun oole itti fakkaate.

Barattoonnifi hojjattoonni mana baruumsichaa keessa turan gamoo jalatti akka awwaalaman hin barre isheen.

Amiinaan waggaa jahaaf mana baruumsichaatti waan barsiifteef, maqaa barattootafi barsiisota haleellichaan du'anii tokko tokkoon yaadattee tarreessiti.

'Mucaa koo naa barbaadaa'

Haleellaan mana baruumsaa irratti gaggeeffamee daqiiqaa muraasa keessatti hojjattoonni lubbuu baraaran achiin bahan.

Reezaa Besharaatii hojjataa Waldaa Addeessa Diimaa Iraan yoo ta'u, hojjattoota lubbuu baraaran jalqaba mana baruumsichaa gahan keessaa tokko akka ta'e BBCtti hime.

"Tarii nama lubbuun hafe tokkollee yoo arganne jennee barbaacha eeggalle. Akka carraa ta'ee nama lubbuun hafe tokkollee hin arganne," jedha.

Kanneen du'an reeffasaanii bakka garaa garaatti kukkufee, qaamni guutuun akka hin argamne. "Maatiin hedduun ijoolleesaanii kan adda baasan hucuu ykn kophee isaaniiniitini," Reezaan.

Fira Reezaa kan taate tokko ilmashee dhabdee, "maaloo mucaa koo naa barbaadi. Ilma koo naa barbaadi nan jechaa turte. Ilmishee lubbuun akka hin jirre itti himuuf humnan dhabe. Hundi keenya ni boonya turre," jechuun guyyootaaf waan mana baruumsichaatti argerraa kan ka'e hirriba malee akka ture hima.

Haleellaa mana baruumsaa Iraan irratti gaggeeffame ilaalchisee qorannoo gaggeeffame

Waa'een haleellaa mana baruumsaa Iraan irratti gaggeeffamee barattootafi barsiisota heddu galaafatee odeeffannoon dabalataa bahaa deemuu hordofee, Doonaald Tiraamp jalqabarra Iraanitti quba qabe.

Ministirri Ittisaa US Piit Heegset waraanni US "bakkeewwan sivilii irratti haleellaa hin gaggeessine" jechuun waakkate. Boodarra koreen dhimmicha qoratu hundaa'uu ibse. Haa ta'u garuu bulchiinsi Tiraamp bu'aa qorannichaa hanga ammaa ifa hin goone.

Itti gaafatamaan Ajaja Giddugalaa US Kongireesiitti dhiyaachuun waa'ee haleellaa mana baruumsaa Iraan irratti gaggeefamee gaafatamuun yaada kenneen, qorannoon gaggeeffamu wal-xaxaa ta'uuu ibse. Sababni ammoo Humni Eegdota Warraaqsaa Iraan "buufata kiruuz misaa'elii" mana baruumsichaa cinaadhaa akka qabu dhiyeesse.

Iraan himannaa US buufata misaa'elaatu mana baruumsichaa bira jedhu dhara jechuun ibsite.

Humni Eegumsa Warraaqsaa Islaamaa Iraan kun hojiiwwan waraanaa, nageenyaafi diinagdee heddu keessatti bobba'uun alatti hojiiwwan deeggarsa hawaasaafi tajaajila bu'uuraalee fayyaa uummataaf kennan ni qaba.

Jiraattonni naannichaa BBCtti akka himanitti, naannoon mana baruumsaa haleelamee sun duraan giddu gala humna galaanaa Humnoota Eegdota Warraaqsaa (IRGC) ta'ee tajaajilaa akka tureefi, buufanni waraanaa sun waggootan dura tajaajila dhaabe.

Suuraalee kaafaman irraa akka argamutti gamoowwan kaampii sana keessa jiran kilinikaafi bakka konkolaataa itti dhiqan qaba.

Barsiistuu Amiinaa kutaa itti barsiisaa turte keessaa dhaabbaattee

Madda suuraa, JACK GARLAND / BBC

'Kaalsii isheen kaa'attuun reeffashee adda baasan'

Mana baruumsaa haleellaa misaa'elaan manca'erraa fageenya xiqqaarratti bakka barattoonnifi barsiisonni haleellaa mana baruumsaa irratti gaggeeffameen du'an itti awwaalamantu jira.

Galagala yeroo hunda maatiin barattoonnifi barsiisonni haleellichaan jalaa du'an iddoo awwaalchaa kanatti wal-gahanii gaddu. Haadholiin suura awwaalcha ijoollee isaanirra jiru irraa awwaara haxaa'aa imimmaan dhangalaasu. Halkan sa'aatii dheeraa achi taa'anii gaddasaanii ibsatu.

Masoneeh Mehran iddoo awwaalcha intalashee ganna sagalii haleellichaan duutee yeroo heddu daawwachuun, halkan sa'aatii dheeraa achi teessee akka boossu himto.

Haleellichi akkuma mana baruumsaa irratti gaggeeffameen maatii birmatanii achitti argaman keessaa tokko ta'uu kan himtu Masoneeh, yeroo achi gahan manni baruumsichaa guutummaan manca'ee arguu himti.

"Manni baruumsaa guutummaan manca'eera. Aara qofaatu ture. Rifeensi, harki, miilli ijoollee bakka garaa garaatti faca'ee jira. Bakka garaa garaatti qaamnisaanii ciccitee faca'ee jira," jetti.

Hanga guyyaa ittaanutti du'uufi jiraachuu intalashee hin barre. Hojjattoonni lubbuu baraaran intallishee kaalsii halluu akkamii akka kaawwattee turte deddeebi'anii gaafannaan halluu kireemii akka uffattee turte itti himuu dubbatti Masoneeh.

Boodarra kaalsii isheen kaawwatteen reeffishee adda bahuu himti. Intallishee gaafa guddatte barsiistuu ta'uu akka barbaaddu kan himtu Masoneeh, "Ashaangulliitiishee [akka barattootatti] toora galchitee teessistee, ani barsiistuu keessani," jechuun gara fuulduraatti barsiistuu ta'uu akka barbaaddu himaa turuu isbiti.

Maatiin ijoolleensaanii jalaa ajjeefaman, garaansaanii gaddaafi aariin guutameera. Gumaan ijoolleesaanii akka hin banneef aariisaanii Tiraampitti arrabsoo roobsu.

"Dhiigi ijoollee kanaa akka dhiiga saree akka hin taaneef, Rabbi Tiraamp haa balleessu," jetti Maasomeeh.

Maasomeeh, haadha intalli ganna sagalii jalaa ajjeefamte

Madda suuraa, JACK GARLAND / BBC

Ibsa waa'ee suuraa,

Iraan haleellaa mana baruumsaa irratti gaggeeffamuun lubbuu barattootafi barsiisota hedduu galaafate kana US ittiin hawaasa idiladdunyaa biratti ittiin himachuuf sirriittii itti dhimma bahaa jirti.

Qondaalonni Iraan haleellaa mana baruumsaa magaala xiqqoo Minaab jedhamtu keessatti aragamu irratti gaggeeffame kana irra deddeebiin fayyadamu.

Inumaayyuu qondaalonni Iraan US waliin mariif yeroo deeman, xayyaara ittiin imalan irratti "Minab-168" jedhu barreessuun, haleellaa namoota nagaarratti gaggeeffame addunyaatti beeksissuf itti fayyadamaniiru.