Dubartii shoora giiftii duree golaa baastee waltajjii UN irra kabajaan dhaabde

Elenoor Roozaveelt uummata yeroo harka fuutu

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Haati warraa pireezidantii Ameerikaa 32ffaa Firaankliin Roozaveelt giiftii duree miidhaginaaf cinaa abbaa warraashee dhaabbattu hin turre.

Elenoor Roozaveelt dubartii wiirtuu siyaasa Ameerikaa keessa nama of keesse dha.

Dubbii himtuu warra miskiinaa, gaazexeessituu, duultuu mirga siviilii akkasumas bakka buutuufi gorsituu olaantuu pireezidantii Ameerikaa yeroo dheeraaf tajaajile kanaa turte.

Dubartiin shoora giiftii duree bu'uurrarraa geeddarte Elenoor Roozaveelt eenyu?

Bitootessa bara 1933 abbaa warraashee Firaankiliin Roozavalt aangootti dhufee haasaa jalqabaa osoo hin taasisiin seenaa keessatti yeroo jalqabaaf giiftii duree taatee guyyaa lammataatti gaazexeessitootaaf ibsa kennite.

Gaafas gaazexeessitoota dubartootaa 35 Waayit Haawus keessatti ishee eegaa turaniif burtukaana saanduqatti qabattee seente qooddeefi ibsa gaazexaa kennite.

Taateen kuni ajaa'ibaa jedhame. Sababiin ammoo isa dura gaazexeessitoota dhiiraa qofatu Waayit Haawusirraa ibsa pireezidantii gabaasuun eeyyamamaaf ture.

Hogganaan gaazexaa beekamaa Asooshiyeetid Pirees walgahiin Elenoor gaazexeessitoota dubartootaa waliin goote ji'a jahayyuu hin turu jedhe.

Inumaa faallaa kanaa walgahiin Elenoor gaazexeessitota dubartootaa waliin gootu hojimaata dhaabbataa tahe.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Pireezidantummaa abbaa warraashee waggaa 12 turee Elenoor gaazexessitoota dubartootaa 300 ol keessummeesite.

Adeemsi ishee kunis waan giiftidureen kanaan dura goote hin beekne tahuun seena-qabeessa jedhame.

Yuunivarsiitii Niiw Yoorkitti hayyuun seenaa Bilaanch Wiisan Elenoor ''kan ishee geggeessu qalbiisheeti, ija jabinniifi ciminni akkuma sodaa waan namaa namatti daddarabu dha,'' jettee amantii ture jedhu.

Hayyoonni waa'eeshee qoratan Ameerikaa keessatti loogiin sanyii(segergation) dhaabuun ajandaa akka tahu gochuu himu.

Shorri giifti duree haala duraan mul'atee hin beekneen qaama siyaasaa Ameerikaa akka tahu taasisuun gumaachi ishee kan golaa osoo hin taane addabaabaayitti bahee kan uummataafi addunyaaf bu'aa buusu akka tahu goote jedhu.

Kana malees ilaalcha ofiitti amantii jabaa qabaachuun dhimmootasheen addatti yeroo sana agarsiiste dha.

Elenooriifi abbaan warraashee Firaakiliin Roozaveelt addunyaa kana iddoo fooyyee qabu gochuuf dirqama eenyuyyuu otoo isaaniif hin kennin fudhatan akka taheetti amanu ture.

Emii Biluum waa'ee Elenoor asoosama barreessiteetti. Dubartiin kuni hojii giiftidurummaa yeroo geeddaruuf hojjettu ''qeeqamuu qofa osoo hin taane ni balaalleffatamti ture, kuni immoo miidiyaalee dabalata'' jette.

''Siidaashee bocanii ibiddaan gubu ture, isheen garuu dubbiin namaa ittuu hin goru,'' jechuun jabina ishee ibsiti.

Adaadaan Elenoor haadha warraa pireezidantii duraanii yeroosii Tiyoodor Roozavelt turte fakkeenya kan isheef taatu hin turre.

''Waayit Haawus keessatti ijoollee guddisuufi keessummaaf shayee buusuu qofa ture'' jetti Mooriin Biislii Meeriilaanditti barsiistuun seenaa gaazexeessummaa.

Elenoor garuu shoorri giifti duree kan ''golatti maxxanee hafu osoo hin aangoo addunyaa jijjiiru akka tahu barbaadde,'' jetti Mooriin.

Giiftooliin duree ishee dura turan kan abbootiin warraa isaanii addabaabaayitti akka hin dubbanne isaan dhorkan turan. Kaan ammoo shoora siyaasaa hiika qabu gumaataa hin turre.

Elenoor garuu giiftii duree otoo hin tahiin durayyuu paartii demookiraasii dubartootaa keessatti si'aa'inaan hirmaatti ture, gaazexaaf barreessuu dabalataan ni gulaalti ture.

Kanaaf giiftii duree tahuun shoora ishee qabdu jalaa akka hin fudhanneef yaaddoo qabdi ture jetti Bilaanich.

Akka giiFtii dureewwan ishee dura turanii iddoo dubartii kuushinaa dha hin jenne.

Abbaa warraashee waliin wal tumsan. ''Dhaqi namootatti dubbadhu, akkaan warraaqsa ijaaruuf na gargaari,'' jedheen. ''Ijaafi gurra pirezidantichaa turte,'' jetti Bilaanich.

Abbaan warrashee pireezidantoii osoo hin tahiin dura dhukkuba pooliyoon qabamee yeroo rakkataa ture Elenoor Ameerikaa keessatti manaa manattii, hawaasa gidduu adeemuun waan uummati barbaadu gaafataa turte.

Haala kanaa warraaqsa ijaaraa turte kunis dhimma jireenyashee siyaasaa keessatti garaagarummaa fide.

Elenoor haadhasheefi abbaashee waggaa 12 otoo hin guuti dhabdee akkoosheetu ishee guddise.

Tahus barnootashee mana barumsaa gaarii Ingilaand, Alanswuuditti hordofuun carraa guddaa ture. Achittis jireenyishee jijjiirame.

Elenoor Roozavelt yeroo gaazexaa UN dubbistu

Madda suuraa, Getty Images

Gaazexeessummaan giiftiiduree jalqabaa kaffaltii guddaa argatte

Elenoor giiftii duree jalqabaa sagantaa raadiyoo ofii qabaatte taate kana malees gaazexaarratti guyya guyyaan barreesiti ture.

Sagantaa raadiyoo dhiyeessituun namoota yeroos kaffaltii guddaa argatan keessaa turte.

Mooriin akka jettutti Elenoor, ''raadiyoo irratti si'a tokko dhiyaachuun qarshiin argattu galii lammiin Ameerikaa tokko waggaatti argatu caala ture.''

Haatahumalee giiftidureen kuni qarshii argattu mara haqa hawaasa itti dhimmamtuuf arjoomti ture. Keesumaa ammoo rakkoo mana jireenyaa furuuf taasifamuuf.

Elenoor xiiqeeffattuufi morkattuu waan turteef yeroo garii galii qixxee abbaa warraashee(pireezidantii) akka argattu ifa baastee ture.

Giiftii dureen kuni waa'ee jireenyashee guyyuu Waayit Haawus keessaa barreessiti ture.

Barreefamni akka yaadannoo dhuunfaatti dhiyaatu kuni gulaaltota gaazexaa nuffisiisaa ture jetti Mooriin.

Tahus dubbisaan deebii gaarii kennaa ture, sababiin ammoo ''barreefamnishee namummaashee waan agarsiisuufi, akka biloogii bara kanaati'' jetti.

Dubartoonni barreeffamashee dubbisanis irraa kaka'umsa argatu ture.

''Dubartii Waayit Haawus keessa jiraattu taatus biyyoota deemte, waan hojjechaa ooltu gaafa himtu dubartoota hojiinsaanii mana keessa qofa akka tahe yaadan kakaasaa turte,'' jechuun ibsiti Mooriin.

Elenoor pireezidanticha akka caaltu dubartoonni paartishee paartii demookiraatii hin deeggarre fa'a dhugaa bahuuf ture jechuun Mooriin waanumaa haatishee dubbataa turte fa'a himti.

Giiftiiduree Elenoor nama yeroo ishee dursite dhimmoota ishee jechisiisan keessaa tokko waraana Ameerikaa dabalatee loogiin sanyiidhaan taasifamu akka dhaabbatu duulaa turte.

''Barnoota daa'imman adiifi gurraacha irratti qixxee maallaqa ramaduu dhabuun keenya doofaa tahuu keenya agarsiisa jechuun,'' ifatti dubbataa turte.

Elenoor adabbii nama fannisuus mormaa turte.

Giifti duree taatee waan dubbachuuf i gochuu dandeessu daangeffamaa waan tureef Pireezidanti Roozaveelt Firaakiliin seera farra nama fannisuu akka dabarsu dhibbaa irratti gochaa turte.

Koongireesii irraa deeggarsa waan dhabeef garuu seericha dabarsuu hin dandeenye ture.

Waayit Haawus keessatti nyaata qananii osoo hin taane nyaata idilee fi diinagdee qusatu akka dhiyaatu murteessite. Qeeqxonnishee haala qulqullinaafi dhama nyaataa Waayit Haawus yeroosheen giiftii duree turtee qeeqqa turan.

UN'tti dippiloomaatii Ameerikaa jalqabaa

Yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaa Elenoor tattaaffii dippiloomaasiifi siyaasaa irratti akkaan hirmaatti ture. Kunis ''hoggantuu Ameerikaa sagalee jijjiiramaa'' ishee jechisiiseera.

Giiftiduree taatee hamilee loltoota Ameerikaa jabeessuuf imaluun hospitaala loltootaafi maatii isaanii iyyaafatti ture.

Garalaafummaan Elenoor yeroo hammeenya waraanaa agarsiisaa turte lammiilee Ameerikaarra kan darbu ture. Otoo Ameerikaan ifatti waraanichatti hin makamiin dura warri Yihudootaa arii'atamaa turan Jarmanirraa US akka galaniif imaammatni banaa tahe akka jiraatu falmaa turte.

Seera wixinee bara 1939 baqattoonni Jarman 20,000 kan umriin isaanii waggaa 14 gadi Ameerikaa akka galan gaafatu akka ragga'uuf watwaattus abbaan warraashee Pireezidant Roozaveelt wixinee seera sana kongireesiin osoo hin raggaasiiniif hafeera.

Yeroo waraana kanaa godaantota, baqattootaafi namoota hundaaf kabajni isheen agarsiisaa turteen yaadamtamti.

Waraana Addunyaa Lammaffaa bara 1945 yeroo xumuramu pireezidantummaa Firaankiliin D Roozaveeltis goolabame. Shoorri Elenoor garuu giiftiidurmmaatti hin dhaabbanne.

Bara 1946 dubartiin kuni Mana Maree Waliigalaa UN'tti bakka buutuu Ameerikaa akka taatuuf Pireezidantii yeroosii Haarii S Tiruumaaniin filamte.

Elenoor Koomishinii Mirga Namoomaa Biyyoota Gamtoomanitti dura teessuu jalqabaa tahuun Labsii Mirga Namoomaa Idiladdunyaa(Universal Declaration of Human Rights) wixineessuu keessatti shoora murteessaa gumaachiteetti.

Yeroos biyyoota Lixaafi Bahaa gidduutti muddamni jiraatus beekamtiifi fudhatamummaa qabdu fayyadamuun wixineen sanadaa mirga namoomaa kuni akka xumuramu goote.

Erga lubbuun darbitee booda badhaasa mirga namoomaa UN kabaja guddaa qabu argatteetti.