Godaantonni Itoophiyaa Saawudiitti himataman murtee du'aan adabamuuf jiru- Kom.Mirgoota Namoomaa Gamtaa Afrikaa

Madda suuraa, Getty Images
Komishiniin Mirgoota Namoomaa fi Uummataa Gamtaa Afrikaa godaantonni Itoophiyaa Saawud Arabiyaa jiran murtee du'aan adabamuuf jiru jechuun yaaddoo qabu ibse.
Godaantonni Itoophiyaa Saawud Arabiyaatti to'annoo jala oolfaman hedduu daddabarsa qoricha sammuu hadoochuun himatamuun murtee du'aan adabamuuf jiru jechuun komishinichi yaaddoo qabu ibse.
Ibsa komishinichi torban kana keessa baaseen gariin godaantota yakka kanaan himatamanii ajjeefamanii jiru.
Himatamtoonni kunneen adeemsa haqaa sirrii tahe akka hin arganne, abukaatoon isaaniif falmu akka hin dhaabbanneefii akkasumas tajaajila qonsilaa Itoophiyaa fi nama afaan hiikuufii akka hin arganne hime.
Chaarterii Mirgoota Namoomaa fi Uummataa Afrikaa keewwata 4,5 fi 7 jalatti mirgi lubbuun jiraachuu, kabajaa fi tajaajila haqaa argachuu tumamee akka jiru eere.
Iddootti murteen du'aa darbu ilaalchisee yakkoota akka malee hamoo tahanii fi inniyyuu adeemsa seeraa fi haqaa sadarkaa idil-addunyaa eeggateen akka tahuu qabu ibse.
Itti dabaluun Qajeelfamoota Mirga Godaantotaa, Baqattootaa fi Koolugaltummaa Afrikaa irratti, godaantonni mirga lubbuun jiraachuu, eegumsa argachuu fi tajaajila qoonsilaa haal-duree baqatummaa isaanii malee argachuu akka qaban hime.
Tattaaffii mootummaan Itoophiyaa qondaalota Sawud Arabiyaa waliin gochaa ture gaarii tahuu eeruun ammas lubbuu lammiilee isaa oolchuuf karaa hariiroo dippilomaasii cimsee hojjechuu akka qabu ibse.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Mootummaan Itoophiyaa godaantonni tajaajila qonsilaa akka argatan, murtee darbu irratti tajaajila seeraa argachuu isaanii mirkaneessuu, seerota nageenya godaantotaa tiksuuf gargaaran cimsuu, qooda fudhattoota naannolee haga idil-addunyaa jiran waliin cimsee hojjechuu akka qabufaa dhaame.
Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa ibsa Adoolessa 13 bara 2026 baaseen, qondaalota Sawud Arabiyaa waliin dhimmoota lammiilee Itoophitaa miidhan irratti hojjechaa jiraachuu ibse.
Keessumaa warra murteen du'aa irratti darbe akka dhiifamaan gadhiifaman gochuufi warreen adeemsa seeraa irra jiran ilaalchisees mootummaa biyyichaa waliin hojjechaa jiraachuu ibseera.
Dhaabbanni Huuman Raayitis Waach jedhamu lammiileen Itoophiyaa 65 tahan yakka daddabarsa qoricha sammuu hadoochuun himatamuun murtee du'aan adabamuuf akka jiran hime.
Murtichi darbee ajjeechaan akka irratti raawwachuf jedhudha kan ibsichi eere.
''Sawud Arabiyaan godaantota yakka balaa hamaa hin dhaqabsiifneen himattee murtee du'aan adabuu fi mirga tajaajila seeraa argachuu qabanis dhorkuun ishee lubbuu fi mirga namoomaaf kabajaa akka hin qabne agarsiisa'' jedhe.
''Osoo hin barfatiin michoonni Sawud Arabiyaa gidduugaluu qabu.''
Erga HRW gabaasa kana baaseeyyuu lammiilee Itoophiyaa murteen du'aa irratti darbee ture torba ajjeesaniiru.
Dhaabbileen mirgoota namoomaa biyya keessaa fi idil-addunyaa akkasumas dhaabbileen amantaa mootummaan sawud Arabiyaa lammiilee Itoophiyaa murteend u'aa irratti darbeef akak dhiifama godhaniif gaafataa turan.
Mootummaan Itoophiyaa lammiilee isaa kumaatamaan Sawud Arabiyaa jiraachaa turan karaa nagaa akka gara biyyaatti galan deeggarsa gochaa ture.



















